Da’awaan Mashaa’ikkaniifi du’aatota waggoottaniif waliin ta’uun hojjataa ture badhaase
Da’awaan Mashaa’ikkaniifi du’aatota waggoottaniif waliin ta’uun hojjataa ture badhaaseera.
Spider Media: Safar 6, 1447 AH
TVn Da’awaa Mashaa’ikkan, du’aatotaafi ustaazota waggoottan afran isa waliin ta’uun barnoota Islaamaa kennaa turaniif sagantaa galateeffannaafi beekamtii kennuu gaggeesseera.
Qaamoleen kunneen ilmii Islaamaa dameewwan garaa garaan barsiisaa miidiyicha waliin ta’uun kaffaltii malee hojii guddaa hojjataniif mindaa isaanii kan kaffaluuf Rabbi kan jedhe TVn Da’awaa, galateeffachuufi jajjabeessuuf sagantaa kana isaaniif qopheessuu ibseera.
Saganticha irratti kan argaman daayrektarri olaanaan Faawundeeshiinii Sunnaa Doktar Sheyik Muhaammad Haamiddiin, Mashaa’ikkan, du’aatotaafi ustaazota waggoottan afran darabaniif mindaa tokko male beekumsa ilmii Islaamaa barsiisaa miidiyicha waliin turan galateeffachuun, gara fuula duraattis cimanii akka itti fufan gaafataniiru.
Sheyik Muhaammad Haamiddiin imala hojii hanga ammaattiifi karoora gara fuula duraa TV Da’awaa ilaalchisuudhaan ibsa hirmaattota waltajjichaatiif ibsa kennaniitti.
Mashaa’ikkan, du’aatotaafi ustaazota kanneeniif sartifikeettiin beekamtiifi galateeffannaa gumaachameerafi.
© Amar Temam
#SpiderMedia