Baankiin Hijiraa Baasii qarshii Miliyoona lamaa olitti shalagamuun galteewwan Nyaataaf Oolan Jiddugala Tursiisa Daa’immanii Dirree Dhawaatiif Deeggarsa Taasise
Baankiin Hijiraa Daa’imman Jiddu Gala Tursiisa Daa’immanii Dirree Dhawaa Keeysa Jiraniif galteewwan nyaataaf oolan maallaqa qarshii miiliyoona lamaa oliin bituun gumaache hojii jajjabeeffamuu qabu jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar dubbatan.
Hojiin tola-ooltummaa yeroo irraa gara yerootti hawaasa keessatti baratamaa kan dhufe yoo ta’u, dhaabbiileen tajaajila garagaraa kennaniis irratti hirmaachaa argamu.
Haaluma kanaan Baankiin Hijiraatiis hawaasa deeggaruuf maallaqa miiliyoona shan waadaa galee kan ture yoo ta’u, kana keessaa galteelee nyaataaf oolan qarshii miiliyoonaan bituudhaan bakka kantiibaan bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadiir Juhaar jiranitti Jiddugala Tursiisa Daa’immanii Dirree Dhawaatiif arjoomee jira.
Daa’imman maatii malee iddoo tursiisaa keessa jiran kunuunsuu fi gargaaruun Rabbi birattiis hojii gaariidha jechuun Pireezidantiin Baankichaa dubbatan.
Pireezidantiin Baankichaa Obbo Daawit Qannoo Baankiin Hijiraa yeroo kamiyyuu hawaasa deeggaruuf kan hojjetu ta’uu himuun, bankichi iddoolee garagaraatti deegarsa taasisaa jiraachuu himuun deeggarsi amma taasisan kun Dirree Dhawaatti kan jalqabaa tahuu ibsanii, kanaas cimnee itti fufna jedhan.
Walitti Qabaan Boordii Baankichaa Obbo Abdusalaam Kamaal kaayyoo baankichaa gurguddoo keessaa tokko daa’immanii fi dubartoota maatii hin qabne deeggaruu ta’uu himuun kuniis dirqama lammummaa keenya jedhan.
Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Aadde Hukmiyaa Mahaammad deeggarsa baankichi taasiseef galateeyfatanii jiran.
Sagantaa deeggarsaa kana irratti Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dhawaa Obbo Kadiir Juhaar, Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa Aadde Hukmiyaa Mahaammad, Pireezidantiin Baankii Hijiraa Obbo Daawit Qannoo fi qindeessitoonni deeggarsichaa argamanii jiran jedha gabaasni Dire Tv.
© Amar Temam
#SpiderMedia