trail
small rocket

Boordiin hojii raawwachiiftuu Filannoo Mana maree dhimmoota islaaamummaa oromiyaa waa’ee filannoo ilaalchisee ibsa kenne

  • Home
  • Uncategorized
  • Boordiin hojii raawwachiiftuu Filannoo Mana maree dhimmoota islaaamummaa oromiyaa waa’ee filannoo ilaalchisee ibsa kenne

Boordiin hojii raawwachiiftuu Filannoo Mana maree dhimmoota islaaamummaa oromiyaa waa’ee filannoo ilaalchisuun miidiyaaleedhaaf ibsa kennan.

 

Walitti qabaan boordii filannoo mana maree ol’aanaa dhimmoota islaaamummaa naannoo oromiyaa Ustaaz Badruu Nuuruu ibsa kennaniin filannoon karoora kanaan dura taa’een kan hin imaliniif rakkoleen tokko tokko waan jiraniifi jedhan.

 

Rakkoolee jedhaman kana keessaa dhiheessii waraqaa filannoo waliin wal-qabatee baay’inni lakkoofsa filattootaa hanga yaadameen ol dabaluu, harkiffannaa raabsaa waraqaa galmee filattootaa magaalotaa hanga aanotaatti jiruufi waqxiin kan qormaata biyyaalessaa fi roobaan wal irra bu’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Filannichi hagayya 9/2017 ni gaggeeffama jedhan.

 

Kana males filannoon kun sadarkaawwan masjiidaatti erga xumuramee booda torbaan lamaan hafan keessatti sadarkaa itti aanuttis kan xumuramu ta’a jedhameera.

 

Jidduu kana keessatti Adoolessa 30/2017 hanga hagayya 4/2017 tti torbee “Shuuraa” yookaan torbee marii jedhamuun kan moggaafameefi torbee kana keessatti mariiwwan garagaraa kan gaggeeffamuu akka ta’es Ustaaz Badruu Nuuruu eeraniiru.

Amar Temam

Spider Media

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*