trail
small rocket

Medrook meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 olii deeggarsa taasise

  • Home
  • Fayyaa
  • Medrook meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 olii deeggarsa taasise
 

Medrook meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 olii deeggarsa taasise

Gareen Invastimantii Midrook meeshaalee yaala fayyaa Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 70 ol baasan deeggarsa taasise.

Meeshaaleen kunneenis meeshaalee yaala Fayyaa dhiqaa Kaleef oolan ta’uutu ibsame.

Dhaabbatichi maashinoota dhiqaa Kalee 20 fi siree ciisichaa ammaayyaa 10 akkasumas yaalamtoota 180f immoo galteewwan waggaa 3f tajaajila kalee dhiquuf oolan teessoo isaanii waliin gumaachuu kan himan Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee, gareen Invastimantii Meedirook deeggarsa taasiseef isa galateeffataniiru.

Kunis dhiqaa kalee yaalamtoota 180 waggoota sadiif kan gargaaru ta’uu kaasan.

Namoota kaffalanii yaalamuu hin dandeenye 144 Hospitaala Hundagaleessa Addaa Zawdituu fi Minilikitti waggaa waggaan hanga Birrii miiliyoona 25 ramaduun tajaajjilli yaala bilisaa kennamaa jiraachuu eeran.

Tajaajilli yaala dhiqaa Kalee waggaa 5 dura eegalamuus yaadachiisan. Deeggarsi har’aa kun tajaajilicha dachaan guddisuuf qooda qabaachuu dubbatan.

Hojii raawwachiisaan olaanaa garee Invastimantii Meedirook Obbo Jamaal Ahimad, Meedirook harka qalleeyyotaaf deeggarsa taasisaa fi hojii dhukkubsattoota baraaru hojjechaa akka jiru ibsanii, hojii kanaanis kabajaa fi gammachuun nutti dhagahama jedhaniiru.

Dhaabbatichi ittigaafatama hawaasummaa bahuuf deeggarsasaa cimsee akka ittifufu dubbataniiru.

Hoogganaan biiroo fayyaa Finfinnee Dr. Yohaannis Caalaa gamasaaniin, Kanaan dura Hoospitaalota Ispeeshaalaayizdii yaadannoo Zawudituu fi Miniliik lammaffaatti maashinoota kale dhiqan 20’n waldhaanamtoota 144’f tajaajilli kennamaa turuu yaadachiisaniiru.

Deeggarsi maashiniin kale dhiqu 20, sireen ammayyaa 10 fi galteewwan waldhaansaa biroon har’a meedirook irraa argame faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru.

Deeggarsi har’aa baay’ina waldhaanamtootaa dachaan kan guddisuu fi waggaa sadan dhufaniif waldhaansa kale dhiquu walirraa hin cinne kennuu kan dandeesisu ta’uu ibsaniiru.

© Amar Temam
#SpiderMedia

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked*